JSC - News & Updates

JSC News


Uploaded Image

Guyyaa 1/8/2018 E.C Hundeessitootaa fi Abbootii Aksiyoonaa Kaampaanii Jaarmat hundaaf: Waamicha walgayii/Yaa'ii Waliigalaa Ariifachiisaa fi Idilee 3ffaa Walgayiin/Yaa’iin waliigalaa Ariifachiisaa fi Idilee 3ffaa Abbootii Aksiyoonaa WA Jaarmat Ayyaana Faasigaan booda torban sadiitttti gaafa guyyaa 25/8/2018 E.C.Magaala Fifinneetti akka gaggeeffamu Boordiin Daayirekteerotaa murtee dabarsee jira. Bu’uuruma kanaan hundeessitootnii fi Abbootiin Aksiyoonaa Kaampaanii Jaarmat ammumaa eegaltanii sagantaa keessan mijeeffachuun itti qophaa’uun guyyaa jedhame kana harcaatii tokko malee Magaala Fifinnee Ku/Magaala Qirqoos, Aaana 5, Saarbeet Galma Walgayii Misooma Magaalotaa fi Manneen Oromiyaa tti akka nuuf argamtani gamanumaan isin beeksifna.✍✍✍ Yaa'iin kun yaa'ii baay'ee murteessaa:- Yaa'ii itti Boordii haaraa filannu, Marii bal'aa taasisuun kallattii imala keenya fuulduraa waliin akeeknu, kan itti murteewwan jajjaboo kampaanicha daran jabeessanii gadi dhaaban dabarsinu, kan wixineewwan pirojektiiwwan garaagaraa irratti mariiyannee mirkaneessinu dha. Kanaafuu yaa'ii ittii qoodnii fi hirmaannaan hunda keenyaa daran barbaachisuu fi jijjirama waarawaa fidu waan ta'eef miseensi kamuu otoo irraa hin hafiin akka nuuf argamuu dandeessanitti gamanumaan sagantaa keessan mijeeffachuun qophii barbaachisu akka taasiftan irra deebinee isin yaadachiifna. Odeeffannoo Dabalataaf:- 0932157777/0905529945 tiin nuuf bilbilaa1 Waliin taanee ni dandeenya!! Galatoomaa Birhaanuu Gaaddisaa Moosisaa Walitti qabaa Boordii Daayirekteerotaa WA Jaarmat

See More
Posted on: April 9, 2026
Uploaded Image

🌹❤️🌻🌷🪻🌼🌷❤️🌹 Guyyaa 3/9/2017 E. C 🌹❤️🌻🌷🪻🌼❤️🌹🌹 Guyyaa har'aa gaafa 3/9/2017 Yaa'iin Waliigalaa idilee 2ffaa WA Jaarmat haala baay'ee miidhagaa ta'een gaggeeffamee ooleera.✍️✍️✍️🌹❤️🌻🌷🪻 Yaa'ii kana irratti murteewwan gurguddoon kaampaanii keenya daran jabeessanii fuulduratti tarkaanfachiisan darbaniiru.🌹❤️✍️🌼🪻🌷❤️ Maatiin Jaarmat kanneen bakka garaagaraa; fagoo fi  dhiyoo irraa imaltanii aarsaa kanfaltanii yaa'ii seenaa qabeessa kana irratti nuuf argamtanii qooda fudhattoota ta'uun itti gaafatamummaa keessan bahattan guddaa galatoomaa!🙏🙏🙏❤️🌹❤️❤️🌹Ulfaadhaa!🙏🙏 Yoomiyyuu isinitti boonna; isinitti gammadna!❤️❤️ Hofkolaa nagaan maatii fi qe'ee keessanitti galaa!!❤️🌹🌹 Kaassumaa karaa fagoo:- magaala Naqamtee, Shaambuu, Harar,. Matahaaraa, Booranaa, Amboo... irraa imaluun kallattii hedduun aarsaa kanfaltanii kan yaa'ii kana irratti nu gidduutti argamtani, kanneen akka Dr Mul'ataa Ibsaa, Dr Dassaaleny Wiirtuu, Addunyaa Dassaleny, Hundee Sillaasuu, Gammaachuu Darajjee, Darajjee Garbaa..... kanneen maqaa hin dhahamiin biroonis guddaa nuuf galatoomaa! Ulfaadhaa! Karaa fagoo imaltanii dhuftanii nu gidduutti argamuun keessan baay'ee nutti toleera! Nu gammachiiseera.🙏❤️❤️❤️ Kaampaanii hundeessitaniif aarsaa kanfaluun keessaan waan sirriif aarsaa siirrii kanfaltani waan ta'eef irra deebiin hofkolaa nagaan maatii keessanitti galaa isin jenna!❤️🙏🙏🌻🌷 Addatti Kabajamoo Dr Dachaasaa Obsii fi Gaazexeessaa Gammachiis Mihiratee; ergaawwan jajjaboo kaampaanii keenya daran jabeessanii ijaaran, tokkummaa fi jaalala keenya daran jabeessan nuuf dabarsitanii dubbii nuuf taasiftaniif hedduu galatoomaa!🌹❤️❤️❤️ Isin nuyiif qabeenya keenya qaalii dha!❤️❤️ Fuuldurattis kallattii hedduun kana irra akka nu tajaajiltanis amanannaa keenya dha!!🌹❤️ Ulfaadhaa!!❤️❤️❤️ Dr Dastaa Gaaromaa (Qilxuu Sabaa) sababa hojiif bakka biraa deemanii yaa'ii kana irraa hafuu isanii nuuf ibsanii jaalalaa fi kabaja maatii Jaarmatiif qaban ibsachuun nagaa isaaniis hirmaattota yaa'ii waliigalaa kanatti akka geessisnuuf nutti dhaammataniiru. Nuyis galatoomaa! 🌹❤️🌷🪻🌼❤️🌹Ulfaadhaa! Isaan jenna!🌹❤️❤️ Kabajaa fi jaalala guddaa isaaniif qabnus isaaniif ibsuu barbaadna! Isin qabeenya keenya guddaa dha! Fayyaa qabaadhaa! Nuuf jiraadhaa!!!!!!🌹❤️🌷🪻🌼❤️ Maatiin Jaarmat baga waaqayyo nu gargaaree haala kanaan walitti qabamnee wal argine. Gurmuu jabaa yoomiyyu humni isaa haaromfame, cichoomina guddaan kaayyoo fi mul'ata qabatee ka'e fiixaan baasuuf socho'u, uummachuu danda'uu keenyatti yoomiyyuu itti gammadna, ittiin boonna! 🙏🙏❤️❤️🌹 Bara hojii fi milkoominaa dheeraa fuulduratti waliin qabna. Hundi keenyuu waliin haa jabaannu!✍️✍️🌹❤️🌹 Murtoowwan guyyaa har'aa fi gochawwan raawwii walgayii kanaa ibsan bor irraa eegalun akkuma suurawwanii fii vidiyoowwan waarabaman ogeessota irraa nu qaqqabaniin qiqindeessinee kan isiniif maxxansaa fi isin biraan gahaa deemnu ta'a.✍️✍️✍️✍️❤️❤️❤️🌹🌹 Fuuldureen keenya ifaa dha! Waliin taanee ni dandeenya!!🌹❤️❤️🌹❤️🙏🌻🌷🪻🌼❤️🌹❤️🌹 Galatoomaa! Horaa bulaa!!🌹❤️🌻🌷🪻❤️🌹

See More
Posted on: May 26, 2025